Daldala Mi’eessituurraa galiin Doolaara Miiliyoona 14 ol argame.

You are currently viewing Daldala Mi’eessituurraa galiin Doolaara Miiliyoona 14 ol argame.

‎AMN PLUS – Hagayya 16/2017

‎Bara 2017’tti daldala mi’eessituu gabaa alaaf ergame irraa galiin Doolaara Miiliyoona 14fi Kuma 900 ol akka argame Abbaan Taayitaa Bunaafi Shaayee beeksiseera.

‎Abbaan Taayitichaa oomisha mi’eessituu toonii kuma 15 fi 612 gabaa alaaf dhiyaaterraa galiin kun argamuu ibseera.

‎Hoogganaan Deeskii Misooma Mi’eessituu Abbaa Taayitichaa Mogos Ashannaafii, oomishni mi’eessituu kun biyyoota Hindii, Ijipt, Saa’udii Arabiyaa, Ameerikaa, Kaanaadaa, Emereetota Arabaa Gamtoomanii, Yaman, Keeniyaa, Iraaq fi Paakistaanitti akka ergame dubbataniiru.

‎Akaakuuwwan mi’eessituu akka biyyaatti faayidaa qaban adda baasuun naannoleerraa odeeffannoowwan garagaraa walitti qabuu fi qindeessuun raawwatamuu ibsaniiru.

‎Mi’eessituuwwan baddaa keessaa abasuunni gurraacha, abasuuda adii, dimbilaala, abishii, midhaan Karaayizoomii keessaa jijimbila, Irdii, Barbaree, Kororimaa, qundo barbaree, eelii, fi urgooftuuwwan addaa addaa gabaa alaaf akka ergaman ibsaniiru.

‎Bara 2018’itti oomisha mi’eessituu toonii kuma 17 fi 194 gabaa alaaf erguun galii Doolaara miiliyoona 16 ol argachuuf karoorfachuu isaanii akka ibsan TOI’n gabaaseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply