Ka’umsi isaanii Arsii Asallaadha.Atileetii fageenya giddu galeessaa fi maaraatoonii duraanii Hayilee G/Sillaasee waliin mana barnootaa tokkotti akkuma barnoota eegalan fiigichattis akka dhufan dubbatu.
Filannoon fageenya fiigicha isaanii jalqabaas maaraatoonii akka ta’e,kan dubbatan Haajii Adeloon dorgommii keenya jalqabaa maaraatoonii Hayilee G/Sillaasee waliin irratti hirmaanne ofii isaanii Sadarkaa 87 ffaan Hayileen ammoo sadarkaa 99 ffaan bahuun dorgimmicha xumuruu yaadatu.
Ergasii isaan gaafa maaraatooniin itti fufan Hayileen ammoo fiigicha giddu galeessatti jijjiiruun milkaayina guddaa irra gahuus himan.
Dorgommii biyya alaatti yeroo jalqabaaf irratti hirmaatan maaraatoonii Turkiyee Istaanbul yoo ta’u, kan yeroo jalqabaaf injifatan ammoo Awustiraaliyaa,Giraaz Maaraatoon,ta’uu himan.
Ergasii dorgommiilee hedduu irratti itti fufanii hirmaachuu himanii,garuu sababa rakkoo fayyaa isaan muudateen,fiigicha itti fufuu waan hin dandeenyeef,hojii isaanii gara leenjisummaatti jijjiiran.
Erga leenjisummaa eegalanii amma waggaa 21 darbuus himan.Haajii Adeloon leenjisaa ta’ee, dorgommii irratti hirmaadhe maaratoonin harka duwwaa gallee hin beeknu jedhan.
Atileet Maaree Dibaabaatii hanga Gooyititoom G/Sillaasetti,gama dhiirotaan,atileet Lalisaa Deessisaatii hanga Taaddasaa Tolaatti atileetota atileetota Haajii Adeloon leenji’aniidha.
Yeroo dhiyoo as fageenya giddu galeessaa irratti raafamni muudachuu kan kaasan Haajii Adeloon,dur atileetonni keenya yoo dorgoman akka injifatan dursinee beekna amma mamii keessa jirra jedhan.
Rakkoon kuni yaala yeroo dheeraa akka gaafatus dhaaman.
Akka biyyatti leenjisaa maaraatoonii dorgommii hedduu injifatan jalqabaati.Shaampiyoonaa Atileetiksii Tookiyoo 20 ffaa jalqaba ji’a Fulbaanaa irraa kaasee adeemsifamuuf leenjistoota maaraatoonin filaman keessaa tokko kan ta’an Haajii Adeloon,atileetota jajjaboo filannee jirra mirgaan galuufis qophii
Misikkir Alamaayyootiin