Arsenaal taphataa sarara fuulduraa Kiristaal Paalaas Eberichee Eze paawundi miiliyoona 65’n mallatteessisuuf walii galuu isaa guyyotaa darbaan kessaa ifa kan godhe yoo ta’u guyyaa har’aa taphatichi qorannoo fayyaa taasisuun Arsenaaliif mallattoosaa kaa’uu danda’eera.
Taphatichi bara 2009 akkaadaamii Arsenaal keessa kan ture yoo ta’u abjuun isaa yeroo mara Arsenaalif guyyaa tokko taphachuu akka ta’e irra deddeebiin ni dubbata ture.
Amma abjuunsaa dhugoomee qabeenya Arsenaal ta’uu isaa kan mirkanefatee Eberichee Eze kilabicha keessatti hidhanno lakkoofsa 10 uffachuun kan tajajilu ta’a.
Gahumsi taphatichi bara dorgommii darbe agarsiiseen kilaboonni Awuroppaa hedduun isa barbachaa balbala Kiristaal Paalaas rurrukutaa kan turan yoo ta’u xumura irratti garuu Emireets filannoosaa taasifatera.
Taphatichi bakka 3 taphachuun isaa ammoo Mikeel Arteettaan filannoo barbaadeen taphachiisuu danda’a.
Rabbirraa Hirphatiin