Piriimiyer Liigiin Inglaand torban 2ffaatiin har’as kan itti fufu yoo ta’u, taphootni Sadii ni gaggeeffamu.
Kiristaal Paalaas dirree isaatti Salaharast Parkitti Nootiinghaam Foorast waliin ni tapahata.
Eberichee Eze Arsenaal’itti kilabni gurgure Paalaas, torban jalqabaatti Cheelsii wajjin wal qixa bahuun isaa ni yaadatama.
Abbaa qabeenyaa kilabichaa faana wal dhabdee keessa kan seenan Ispiriitoo Saantoo, dursanii ari’amuutiin leenjisaa jalqabaa ta’uu malu.
Bireentifoordiin injifachuudhaan kan eegalan leenjisaan kun Paalaas irraa qormaatni guddaan isaan mudachuu danda’a jedhameera.
Haaluma Wal fakkaatuun, sa’aatii 10’tti Evertan Biraayitan waliin morkata.
Istaadiyamii isaa haaraa ta’e Hiil Diiksan’itti ni morkata.
Kilabootni lamaan torban jalqabaatti hin milkoofne. Everton Liids Yunaayitidiin yoo injifatamu, Biraayitan, Fuulhaam wajjin Wal qixa bahuun isaanii ni yaadatama.
Har’a galgala sa’aatii 12:30’tti taphni Kiraavaan Kooteejitti Yuunaayitid Fulhaam waliin adeemsifamu kan eegamu yoo ta’u, Arsanaaliin injifatamuun bara Wal morkii isaa kan jalqabee Maanchistar Yunaayitid, gara London Lixaatti Imaluun, injifachuuf ni taphata.
Karra eegaan isaa Andiree Onaanaa gara dirreetti kan deebi’u yoo ta’u, Raasmaa Hooyiluund garuu tapha har’aa irratti hin argamu.
Taphataan jidduu Beenjaamin Sheeshikoo tapha har’aa irratti ni hirmaata jedhamee eegama.
Gama biraan, Maaziraawwiifi Maartineez ammallee miidhamarra jiru.
Maanchester Yunaayitid fooyya’uu isaa agarsiisuuf har’a injifachuun isaa akka eegamu kan ibsame.
Leenjisaan isaa Roobiin Amooriim qabxii isaanii hin fooyyeffatan taanaan dhiibbaa keessa galuun oolan jedhameera.
Leenjisaan lammummaa Poorchugaal qaban kun taphoota 28 kilaba kana dursuun hirmaatan keessaa 15 irratti mo’amuun, 7 qofa injifachuun isaanii ni yaadatama.