Pirezidaantiin Kooriyaa Kibbaa Lii Seet gita isaanii Doonaald Traamp waliin dhimmoota daldalaa, nageenya naannoofi waloo biroo irratti mari’achuuf jedhame.
Addatti immoo loltoota USA biyya isaanii jiranii irratti cimsanii mari’achuuf beellamataniiru.
Kunis erga Muummicha Ministiraa Jaappaan Shigeeruu Ishiibaa waliin Tookiyootti wal-arganii mari’atanii booda dha.
Dureewwan lameen yeroo jalqabaatiif wal argu. Keessumaa Kooriyaan Kaabaa yaaliiwwan misaa’elaa tibbana eegaltes qaama marii isaanii ta’uu mala jedhameera.
Xiyyeeffannaan marichaa inni caalu dhimma murtee taarifa Amerikaan Adoolessa darbe oomishaalee irraatti dhibbantaa 25 Kooriyaa Kibbaa irra kaa’uun yaroo muraasa booda dhibbantaa 15 tti gadi deebi’e irratti kan xiyyeeffatuudha.
Mariin biroo Kooriyaan Kibbaa bulchiinsa Traamp waliin cichitee hojjettu keessaa rakkoo dhimma nageenyaa ta’ee addatti immoo waa’ee rakkoo siyaasa qaxanichaa, humna galaanaa muddee keessa Pirezidaantii duraanii Yoon Suuk-Yee’oliin labsame irratti akka mari’atamu ajandaa guddaa godhachuun dubbatameera.
Waliigaltee baatii Adoolessaatiin Kooriyaan Kibbaa oomishaalee USA biiliyoona 100 baasan bituufi diinagdee USA keessatti doolaara biiliyoona 320 invast gochuuf waliif galan.
Pirezidaantichi giiftii duree isaanii fi dursitoota kubbaaniyyaa Samsung Electronics, SK Group, Hyundai Motor fi LG Group waliin gara Waashingtan balali’u.
Madda : Al jazeera
Daraartuu Tarreessaatiin