Bulchiinsi Israa’el lammiilee ugguramanii harka Haamaas keessatti argaman guutumaatti gadi lakkisiisuuf yaada waliigaltee nagaa dhiyaateef akka fudhatu Ajajaan Waraanaa Israa’el gaafataniiru.
Ajajaan Waraanaa Israa’el Letenaalaa Jeneraal Iyaal Zaamir, humni waraanaa Israa’el injifannoo waliigalteerra gahuu isa dandeessisu waraanaan argateera jechuun akka dubbatan dhaga’ameera.
Amma haalotni hunduu harka Ministira Muummee Beniyaamin Netaaniyaahuu irra jira kan jedhan ajajaan waraanaa kun, haala itti ugguramtootni deebi’an irratti hojjatamuu akka qabu dhaamaniiru.
Guyyaa borii mariisistootni naannichaa yaada dhiyeessaniifi Haamaas torbee dura yaada dhukaasa dhaabuu irratti waliif gale irratti mari’achuun murtoon akka darbu ni eegama.
Kaabineen Israa’el kan mari’achuuf jiru, erga jalqaba baatii kanaatti lammiileen Israa’el Kuma dhibbaan lakkaa’aman waraanni haa dhaabbatu, ugguramtootni haa deebisaman jedhanii addababayiitti bahanii hiriiraan gaafatan booda akka tahe beekameera.
Hiriirri Fooramii Maatiiwwan Ugguramtootaa jedhamu boritti akka gaggeeffamuuf jirullee gabaafamaa jira.
Ajajaan Waraanaa Israa’el, namootni hedduun kan barbaadan akka ugguramtootni gadidhiifamanidha jechuun dubbatanii jiru.
Mariisistootni gama lamaanii Ijiptiifi Kaataar, waliigalteen dhukaasa dhaabuu guyyaa 60 erga mallatteeffamee booda, marsaa lamaan ugguramtoota wal jijjiiruuf wixineen dhiyaatee jira.
Yaadni waliigaltee kun gama lamaaniinuu fudhatama kan argate yoo tahu waraanichi bifa waaraan akka dhaabbatuuf mariin akka taasifamu ni eegama.
Waraanni kun jiraattota Gaazaa Miiliyoona Tokkoofi Kuma 900 caalan kan qe’ee isaanii irraa buqqise yoo tahu kanneen Kuma 500 caalan ammo akka hongeef hamaaf saaxilaman ragaaleen ni mul’isu.
Namootni Kuma 62 ol ammo lubbuu isaanii dhabuu isaanii kan gabaase BBC dha.
Malkaamuu Abbabaatiin