Yaa’iiwwan Idil-addunyaaf Muujjaan hagam qophoofte?

You are currently viewing Yaa’iiwwan Idil-addunyaaf Muujjaan hagam qophoofte?

‎AMN PLUS- Hagayya 20/2017

‎Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Gullallee Aanaa tokkotti Naannoon Muujjaa/Shiroo Meedaa giddu gala gabaa uffataafi meeshaalee aadaatiin beekama.

‎Ogeeyyiin uffata aadaa qopheessan durirraa kaasee naannoo kanatti hojjechaa waan turaniif iddoon kun carraa gabaa uffata aadaa uumeera.
‎ Keessattuu tibba ayyaanoonni baay’atan gabaan uffata aadaa haalan dabala. Magaalaan Finfinnees giddugalaa yaa’ii gurguddaa addunyaa waan taatef haala mijataa gabaa uffata aadaaf uumeera. Inumaa misoomni kooriidarii 4-kiiloo haga Inxooxxootti ijaarame fuula araddaa kanaa haalaan jijjiireera.

Turistoonni daawwannaaf dhufan, hirmaattonni yaa’iiwwan addunyaa Finfinnee boqotan daandii mijaawaafi suuqiiwwan ammayyaatti argamuun yaadannoo waan ta’u qabatanii deebi’u. Baatii Qaammeefi Fulbaanaa keessa yaa’iiwwan addunyaalessaa sadii Finfinneetti geggeeffamu.

Yaa’ii kanaaf hirmaattonni Kuma 25 ta’an kutaalee Addunyaa gara garaarraa Finfinnee buufatu. Obbo Damissee Sambatee mana uffata aadaa Muujjaa/Shiroo Meedaa kana qabu. Yeroo ayyaanni dhufu namoonni baay’inaan uffata aadaa waan bitaaniif dursinee itti qophofna jedhu. Yeroo ayyaana malees yaa’iiwwan Finfinneetti qophaahan carraa biraa ta’u kaasuun, tibba cidhaas uffanni aadaa baay’inaan akka barbaadamu obbo Damisseen ibsaniiru.

‎Aadde Iyarusaalam Aluulaa waldaan ijaaramanii giddu gala gabaa uffata aadaa mootummaan mijesse keessatti mana uffata aadaa qabu. Duran yeroo misoomni kooridarii hin turin san naannoon Shiroo meedaa kuni daandiin dhiphaa waan tureef haalli gabaa mijataan hin turre jedhu. Amma garuu daandiinis bal’atee namoonni bituu qofa osoo hin taane daawwachuufis ni dhufu jedhaniiru.

Shamarree Saaraa Wandimmuu giddu gala gabaa uffata aadaa kana keessaa mana uffata aadaa kan qabdu, Finfinneetti fedhiin gabaa uffata aadaa olaanaan jiraachuu himti. Lammiileen biyya alaas daawwachuu isaanii qofa osoo hin ta’in yeroo tokko tokko ni bitaatus jedhaniiru.

‎Aadde Milaat Azariyaa uffata aadaa kan bitachuuf giddugala gabaa uffata aadaa Shiroo meedaa kanatti argaman. Dabre dabree uffata aadaa kan bitaatan iddoo tokkotti haala kanaan uffata aadaa argachuun filannoodhaf nama hin rakkisuu jedhan. Halluufi dizaayinii barbaaddeen waan argamuuf namuu kan filannoo isaa bitachuu akka danda’u dubbatti.

‎Namoonni uffata aadaa qopheessanis yeroo ayyaanaa kana ajaja baay’ee keessummessu. Obbo Geetinnatti Nugusee uffata aadaa kana hodhaa kan jiran waqtii kanatti ajaja heddu keessummessaa akka jiru ibsan. Keessattu waqtii birraa kana ayyaanoonni waan baay’ataniif haalli qophii uffata aadaa olaanaa ta’uudha dubbata.

Shamarree Buruktii Alamuu kuula uffata aadaa kan hojjettu gabaan uffata aadaa dabalaa akka dhufe himti. Warreen dizaayinii kuulaa hojjetanillee carraa hojii guddaan akka uumame dubbatti.

‎Dargaggoo Obsaa Fayyisaa Naannoo shiroo meedaa kanatti miseensa waldaa isaa waliin uffata aadaa hodhaa kan jiru waqtii birraa kana ayyaanoonni walitti dhiyeenyan waan baay’ataniif uffata aadaa baay’inaan qopheessaa jiraachuudha ibsa. Gabaa ayyaanoota birraa kanattis fayyadamuuf cimsaanii garee isaa waliin hojjechaa akka jiranis dubbateera.

Shuumii Badhaasootiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply