Taphootni gulaallii Waancaa Karaabaa’oo marsaa 2ffaan har’a galgala ni adeemsifama.

You are currently viewing Taphootni gulaallii Waancaa Karaabaa’oo marsaa 2ffaan har’a galgala ni adeemsifama.

AMN PLUS- Hagayya 21/2017

Kilaboota Piriimeer Liigii Inglaand afur kan hirmaachisu gulaallii waancaa Karaabaa’oo marsaa 2ffaan taphoota afur ni kessummessa.

Maanchester Yuunaayitid gulaallii waancaa Karaabaa’ootiin Girimsiimbii Taawon waliin har’a galgala sa’atii 4:00’tti taphata.

Tapha kan Irratti Miidhama irra kan ture goolii eegaan kilabichaa Andiree Onaanaan gara taphaatti ni deebi’a jedhamee eegama.

Tapha biraatiin Evertan Maasfiildi Taawon waliin, Fuulhaam Biriistal Siitii waliin, Oksifoordi Yuunaayitid Biraayitan waliin galgala har’aa sa’aatii walfakkataa 3:45 irraa eegaluun morkiin taasisan ni eegama.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply