Waloodhaan hojjennee Hidha Haaromsaa xumuruun injifannoo Adawaa irra deebiin mirkaneessineerra jechuun Hoji-Raawwachiisaa Olaanaan Waajjira Qindeessaa Pirojektii Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa Aragaawwii Barihee (Dr.) dubbatan.
Xumuramuu Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa ilaalchisee Hayyootaa fi Qaamoleen Qooda fudhattootaa waliin marii adeemsisaa jiru
“Waloon Dandeenyeerra” mata duree jedhuun, xumuramee eebbaaf qaqqabuu Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa ilaalchisee qopheessummaa Waajjirri qindeessaa pirojektii Hidha Haaromsaatiin Hayyootaa fi Qaamoleen Qooda fudhattootaa waliin marii adeemsisaa jira.

Hoji-Raawwachiisaa Olaanaan Waajjira Qindeessaa Pirojektii Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa Aragaawwii Barihee (Dr.), “waloodhaan hojjennee Hidha Haaromsaa xumuruun eebbaaf qaqqabsiisuudhaan, injifannoo Adawaa irra deebiin mirkaneessineerra” jedhaniiru.
Akkasumas, gorsaan ministira Bishaaniifi Inarjii Obbo Mootummaa Maqaasaa gama isaaniitiin, “pirojektiin guddaan akkasii liqaa dhaabbilee maallaqaa idil addunyaan qofa ijaaramuun kan baratame waan ta’eef, ijaaruu hin danda’an jedhanii kan eegaa turanitti, liqaa alaa tokko malee, waloon ijaarree danda’uu keenya agarsiifnerra” jedhaniiru.

Hidhi Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa idaa’ama copha dhiigaa, copha dafqaa, copha imimmaaniifi copha bishaanii tahuus himaniiru.
Yaaddessaa Geetaachootu gabaase