Hidhi haaromsaa guddichaa Itoophiyaa fuula miidiyaalee Idil addunyaa to’ateera.

You are currently viewing Hidhi haaromsaa guddichaa Itoophiyaa fuula miidiyaalee Idil addunyaa to’ateera.

‎AMN PLUS – Qaammee 4/2017

‎Hidhi haaromsaa guddichi Itoophiyaa adeemsa waggaa 14 booda guyyaa har’a bifa ho’aadhaan eebbifameera.

‎Kunis injifannoo Adawaa dabalataa irree tokkoomeen Itoophiyaanotni miira ni danda’amaan xumuramuun guutummaa biyyattiitti dammaqinaan karaa adda addaan kabajamaa jira.

‎Sirni eebbaa kunis miidiyaa biyya keessaa irra darbee fuula miidiyaalee gurguddoo Idil-addunyaa irratti bahuun tamsaasa kallattiin gabaafameera.

‎Itoophiyaan Afrikaatti hidha guddaa eebbisteetti jechuun fuula miidiyaa hawaasumma irratti fudhatee kan bahe Rootersiidha.

‎Kan biroo BBC fi Firaansi 24 Itoophiyaan hidha guddicha Afiriikaa eebbisteetti jechuin gabaasa fudhatanii bahaniiru.

‎Akkasumas miidiyaa Tarkiyyee kan ta’e Anaadooluun fuula miidiyaa isaa irratti oduu simbirtuu jechuun fudhate baheera.

‎Keeniyaanis Pireezidaantii isheetiin dabalatee toorota miidiyaa irratti oduu simbirtuu fudhatee baheera.

‎Miidiyaaleen Idil Addunyaa kanneen biroos Eebba Hidha Haaromsaa gabaasaa jiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply