Hawaasni tibba ayyaanaa kana balaan ibiddaa akka hin uumamne eeggannoo akka taasisu dhaamame

You are currently viewing Hawaasni tibba ayyaanaa kana balaan ibiddaa akka hin uumamne eeggannoo akka taasisu dhaamame

‎AMN PLUS- Qaammee 5 / 2017

‎Hawaasni tibba ayyaanaa balaa ibiddaa mudachuu malu irraa akka of haa eegu Komishiniin Hooggansa Sodaa Balaa Ibiddaa Finfinnee yaadachiiseera.

‎Saaba Himaan Komishinichaa Obbo Nigaatuu Maammoo, jala bultii ayyaana bara haaraatti hawaasni nyaata bilcheessuufi hojiilee biroof anniisaa elekitiriikaa akkasumas cilee yoo fayyadamu balaan akkan uumamne eeggannoo gochuun barbaachisaa akka ta’e AMN Digital’tti himaniiru.

‎Tibba ayyaanaatti wantoota balaa qaqqabsiisuun hubaatii fidan irraa akka of eegu akkasumas haala itti fayyadama elektirikaa irrattis dursa of eeggannoo akka tolchu waamicha dhiyeessaniiru.

‎Bakka hawaasni walitti qabametti ergaawwan of eeggannoo dabarsaa jiraachuu kan beeksise komishinichi yoo balaan akka tasaa uumameef qophii taasisuu beeksiseera.

Haaluma kanaanis, lakkoofsa bilbila bilisaa 939 akkasumas lakkoofsa bilbilaa kallattii 0111-55-53-00 ykn 0111-56-86-01 irratti bilbiluun akka eeruufi odeeffannoo kennuun danda’amu komishinichi beeksiseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply