Wiirtuun Tajaajila Iddoo Tokkoo Rakkoo Bulchiinsa Gaariifi Al-seerummaa hambisa

You are currently viewing Wiirtuun Tajaajila Iddoo Tokkoo Rakkoo Bulchiinsa Gaariifi Al-seerummaa hambisa

‎AMN PLUS- Qaammee 5/2017

‎Hawaasni tajaajila Mootummaa qulqulluu, si’ataafi qaqqabamaa ta’e akka argatu Mootummaan Naannoo Oromiyaa xiyyeeffannaa olaanaa kennee hojjetaa jiraachuu Biiroon Komunikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa beeksieera.

‎Guyyaa har’aa wiirtuun tajaajila iddoo tokkoo magaaloota gurguddoo keessatti ijaaramuun qophaa’an eebbisiisuun tajaajilaaf banaa taasifamaa jiraachuu ibseera.

‎Wiirtuun kenna tajaajila iddoo tokkoo magaalaa Af-Yaa’ii Caffee Oromiyaa aadde Sa’aadaa Abdurrahamaaniifi Anga’oota biroon eebbifamee tajaajila eegaluun isaa ibsameera.

‎Wiirtuun Tajaajila Iddoo Tokkoo rakkoo bulchiinsa gaarii fi al-seerummaa akka hambisu Biiroon Komunikeeshinii Naannoo Oromiyaa beeksiseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply