Shaakalli waraanaa Raashiyaafi Belaarus waliin taasisan Waadaa Waraanaa Atilaantik Kaabaa (NATO) yaaddesseera.
Shaakalli waraanaa “Zapad 2025” jedhamuun beekamu kun daangaa biyyoota miseensaa NATO’tti siqee taasisamuun isaa ammoo waan NATO’n akka of eeggannoo cimsu akeekkachiise ta’uu himameera.
Poolaand, yaaddoo qabdurraa kan ka’e daangaa ishee yeroo cufattu, daangaa qilleensaa NATO cabsuufi diroonota lakkaa’uuf ulfaatu erguun yaaddoo guddaa Uumaa jirti jechuun Raashiyaa himatteetti.
Shaakalli waraanaa kun har’a irraa eegalee hamma Wiixata torban dhufuutti yoo adeemsifamu, haleellaan Xiyyaaraa magaalota Yuukireen irratti taasifamus akkasuma cimee itti fufuuf isaa dhaga’ameera.
Dubbi Himaan Kreemiliin Dimitrii Peeskoov, “shaakalli waraanaa kun haleellaa biyyoota biroo irratti raawwachuun kan karoorfame miti” haa jedhan iyyuu malee, NATO’f akeekkachiisa guddaa ta’ee itti fufeera.
Muummichi Ministiraa Poolaand, erga Waraana Addunyaa 2ffaatii as guyyootni rakkisoo ta’an Poolaanditti waan dhufaa jiraniif lammiileen hunduu of eeggannoo cimsadhaa” jechuun humna waraanaa isaanii dursanii hiriirsaniiru.
Ministirootni dhimma Alaa Poolaandiifi Yuukireen haala itti qolachuun danda’amurratti mari’ataniiru.
Dabalataanis, Miseensotni NATO, Lituuniyaafi Laativiyaan daangaa qilleensaa isaanii cufuun humna waraanaa isaanii of eeggannoon dhaabaniiru
Pireezidaantiin Yuukireen Volodmiir Zeleniskiin, “Kaayyoon Mooskoo Yuukireeniin waraanuu irra kan darbedha ” jechuun biyyoota miseensaa NATO’tti illee yaaddoo tahuu beeksisaniiru.
Haa ta’u malee, shaakalli Waraanaa Zapad jedhamu kun waggaa 4tti yeroo tokko akka adeemsifamu ta’uu kan eere Al-Jazeera’n Bara 2021’tti taasifamuu isaa yaadachiisa.
Mooskoon loltoota 200,000 hiriirsite shaakala waraanaa kana dursuun, Yuukireeniin weeraruuf daandiishee qulqulleeffachuun ammas “maaltu beeka”nama jechisiisa.
Faransaay humna waraanaan deggeruun ammumaa daangaa qilleensaa Poolaand seenteetti, biyyootni miseensa NATO biroos qophii taasisaa akka jiran himameera.
Madda: Al-Jazeera fi AP
Malkaamuu Abbabaatiin