Xumuramuun Hidhi Haaromsaa guddina Itoophiyaa saffisiisuu irra darbee gahumsa walitti hidhamiinsa naannawaa cimsuu akka qabu Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Jarmanii Fardinaand Foonvaahee (Dr.) ibsan.
Itoophiyaan biyya invastimaantii alaaf mijattuu tahuu ishees himaniiru.
Ambaasaaddarichi, biyyootni olaa yoo tumsa isaanii cimsan haalaan irraa fayyadamuu akka danda’an akeekan.
Hidhni kun tumsa lammiilee Itoophiyaan galma gahuu isaa eeruun, xumuramee eebbaaf qaqqabuun isaa boonsaafi gammachiisaa akka ta’e ambaasaaddarichi dubbataniiru.
Itoophiyaan lakkisa kaarbonii hir’isuufi anniisaa haaromfamaa babal’isuuf hojiileen hojjataman arguu isaanii ibsuun Itoophiyaafi Jarmaniinis anniisaa haaromfamaafi kanneen biroo irratti waliin qorannoofi qo’annoo adeemsisaa akka jiran himaniiru.
Dabalataanis, Itoophiyaan Invastimantii babal’isuuf seera dandeessisu, humna nanaa danuufi haalotni dandeessisan biroo jiraachuu ibsuu isaanii gabaafameera.