‎Hiriira deggersaa boriif Daandiiwwan muraasa cufaa ta’an

You are currently viewing ‎Hiriira deggersaa boriif Daandiiwwan muraasa cufaa ta’an

‎AMN PLUS- Fulbaana 3/2018

‎Xumuramuu hidha haaromsaa sababeeffachuun hiriira deggersaa bor ganama taasifamuuf daandiiwwan muraasni cufaa akka ta’an Qajeelchi Waliigalaa Poolisii Magaalaa Finfinnee beeksise.

Halkan sa’aatii 10:00 irraa eegalee,

‎ ‎- Mana murtii Lidataa irraa kaasee hanga Dirree Masqalaa hanga Meeksikootti

‎- Atilaasirraan gara Bataskaana Qulqulluu Uraa’el geessu, hamma Piikook Mabraatiitti

‎- Bulgaariyaa gara Meeksikoo, hamma Xamaamaa Fooqiitti

‎-Bataskaana Qulqulluu Uraa’elii hanga Dirree Masqalaatti (Baambiis, Hospitaala Maqrazitti)

‎-Addabaabaayii Olompiyaa hanga Dirree Masqalaa

‎ – Masarat Biyyaalessaa hanga Dirree Masqalaatti

‎- Meetiriyooloojii hamma Tiyaatira Biyyaalessaatti

‎-Addabaabaayii Taklahaayimaanotii hamma Immigireeshinii, Xiqur Ambasaaatti

‎- Nigid Mattaamiyaa hamma Filuwaatti

‎-Charchilii hamma Xiqur Ambassaatti

‎- 4 Kiiloo hamma Dirree Masqalaa, Ibsaa Paarlaamaatti

‎-Ibsaa Harraambee hamma Ibsaa Saanjooseeffitti

‎- Tiyaatira Biyyaalessaa hamma Ibsaa Lagahaaritti

‎- Sangaa Taraa 40/60 gara Sanhaa Taraa Lagahaaritti jallatanitti

‎- Araqee Faabriikaa hamma Sangaa Taraa, Ibsaa Meeksikkootti

‎- Lidataa gara Addabaaabaayii Meeksikoo, maqaa Hospitaala Baalchaatti

‎-Imbaasii Vaatikaanii gara Saarbeetii geessu hamma Addabaaabaayii Saarbeetiitti

‎- Qulqulluu Yooseefii hamma Dirree Masqalaa, Tiyaatira Agoonaatti

‎- Bultoo Taabotaa Qulqulluu Qiirqoosii hamma Addabaaabaayii Bultoo Taabotaa Qulqulluu Qiirqoositti, daandiiwwan waan cufaa ta’aniif har’a sa’aatii 12:00 irraa eegalee konkolaataa dhaabanii deemuun dhorkaa ta’uu Qajeelchi Waliigalaa Poolisii Magaalaa Finfinnee ibsa Addis Miidiyaa Neetworkiif ergeen beeksiseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply