Oromoofi Dhahaa Baraa (Lakkaawwii Baraa)
Oromoon jilas haa ta’u yeroo sirna adda addaa gaggeeffatu dhahaa akka ilaallatu Abbaan Gadaa Goobana Hoolaa ibsan. AMN Digital waliin turtii kan taasisan Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa Baraa baratti cehuun isaa, Birraan bari’uufiin, Waqtii galataafi kadhannaa isaa Dhahaa ofii isaan gaggeeffata jedhu.
Oromoon dhaha baatii Caamsaa keessa ilaallata. Yeroo ji’a Caamsaa kana samiin qulqullaa’ee duumessa kan hin qabne addeechii sirritti samii ibsa. kanaaf dhaha kan ilaalan jidduu Caamsaafi Waxabajjii akka ta’e ibsaniiru.
Waqtii Gannaa ji’a Adoolessaa fi Hagayyaa ilaaluun baay’ee rakkisadha sababni isaas waqtii kana dumeechi roobaa samii haguugee dhuksa. Kanaaf waa samii keessatti ilaalaanii haala bara of-dura tolaa gaarummaa isaa dubbachuun ni rakkisa jedhaniiru. Urjii, jahi, boosani, baatiin garamitti akka naannoftu ilaaluun dhahaan haala bara itti aanee dhufu himu hayyoonni Oromoo.
Beekaan waan haalaalaa itti dhufu beeka, wallaalaan of jalattuu hin beeku jedhan Abbaan Gadaa Goobana Hoolaa Irreessoo mammaaksa Oromootin. Kunis kan ibsu waan gaariis ta’u badaa beekaan haalaalatti dhahaa ilaalee waan itti dhufu beeka jedhu.
Oromoon jilas yoo godaane horii sirnaaf qalan moora ilaaluu. Moora kanaanis waan of dura ta’uu danda’uu maanguddoonni sirna kanarratti mooraan ilaalan haala tolaafi badaas yoo ta’e ni himu jedhan Abbaan Gadaa Goobana Hoolaa.
Aadaan Oromoon dhahaan bara lakkaawwatuufi ayyaanonni birraa kanneen akka Masqalaafi Irreechi sablammootaafi ummattoota tokko tokkoonis haalli itti walfakkeessuu akka jirus ibsaniiru.
Fakkeenyaaf Uummatni Sidaamaa ayyaana jjijjiirra bara isaanii dhahaa ilaallachuun akkasumas yoo ayyaana kana kabajan gamtaan Irreessa qabatanii haroo Hawaasaa irratti kabajatu.
Kun immoo Irreecha ummatni Oromoo malkaa ykn horatti bahuun gamtaan kabajatu waliin akka wal fakkaatu Abbaan Gadaa Goobana Hoolaa ibsaniiru.
Shuumii Badhaasootiin