Shira xaxame qaxxaamuruun hidha haaromsaa cichoominaan milkeessineerra- Obbo Awwaluu Abdii

You are currently viewing Shira xaxame qaxxaamuruun hidha haaromsaa cichoominaan milkeessineerra- Obbo Awwaluu Abdii

‎AMN PLUS-Fulbaana 7/2018

‎Eebbifamuu Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa hordofuun ummanni Magaalaa Asallaa hiriiraan gammachuu isaanii ibsataa jiran irratti kan argaman Pirezidaantii Itti Aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii Itoophiyaan akka Injifatte ibsan.

‎Dhalootni ammaafi mootummaan jijjiiramaa hawwii baroota dheeraa tarsiimoon masakamuun Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa milkeessuun injifannoo Adawaa 2ffaa irra deebiin Addunyaaf akka dhugoomse obbo Awwaluun ibsaniiru.

‎Pirojektii karooraan milkaa’e copha, dafqaafi dhiigaan kan ijaarame ashaaraa dhaloota haaraa uummatni tokkummaan itti hirmaate injifannoo qaalii akka ta’es himaniiru.

‎Ijaarsi pirojektichaa shiraan xaxamee lafarra harkifamaa turus hooggansi jijjiiramaa Looreetiin Nagaa Addunyaa Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.) cichoominaan pirojekticha xumuruun eebbisiisuun injifannoo addunyaatti akka mul’isan Obbo Awwaluun himaniiru.

‎”Hidhi Haaromsaa madda anniisaa qofa osoo hin taane eenyummaa biyyaalessummaa, mallattoo bilisummaafi birmadummaa keenyaa gamtaan mirkaneeffachuu mul’isa” jedhaniiru.

‎Itoophiyaan rivaanii kuttee gammachuu daangaa qaxxaamure labsuu isheetiinis kanneen pirojektii kanatti danqaa ta’aa turaniis akka qaaneessite ibsuun “baga gurmoofnee, baga waloon duullee duulchifne; baga milkooftanii baga waloonis milkoofne” jechuun Obbo Awwaluun uummata naannichaa galateeffataniiru.

‎”Injifannoo Olka’iinsa mirkaneesse Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa erga labsinee ajandaa guddaan ammas walooma keenya gaafatu Ulaa Galaanaa shiraan dhabne seeraan deebisuudhas” jedhaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply