Hiriirri guddicha guutummaa Oromiyaatti gaggeeffame diinaafis firaafis ergaa murteessaa dabarseera- Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa

You are currently viewing Hiriirri guddicha guutummaa Oromiyaatti gaggeeffame diinaafis firaafis ergaa murteessaa dabarseera- Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa

AMN PLUS- Fulbaana 7/ 2018

Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan hiriirri guddicha guutummaa Oromiyaatti gaggeeffame kun diinaafis firaafis ergaa murteessaa dabarseera jedhan.

Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan hiriira deeggarsaa guyyaa har’aa guutuu Oromiyaatti gaggeeffame ilaalchisuun ergaa dabarsaniiru. Guutuun ergaa isaanis akka itti aanutti dhiyaateera.

“Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa injifannoon goolabdanii olka’iinsa biyyaaf boqonnaa haaraa waan saaqxaniif galatoomaa!”

Ijaarsi Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa Pirojektii seena qabeessa irree Uummataa xiiqiif gamtaa’eefi tumsa lukkuu hanga lubbuutti kaffalameen ilaalcha hin danda’amuu diigee Ashaaraa dhaloota haaraa galmaa’edha.

Injifannichi seenaafi seeneffama gootummaa gurraachotaa irra deebiin copha dafqaafi copha dhiigaan galmee seenaa shira kamiinuu dukkaneeffamuufi haqamuu hin dandeenye Adwaa 2ffaa ta’uun kan barreeffamedha.

Pirojektichi qormaata keessoofi Idil-Addunyaa xaxamiinsa hamaa qabu hoggansa tarsiima’aa looreetni nagaa Addunyaa Muummichi Ministeeraa Dr Abiyyi Ahmad kennaniifi aarsaa qaalii uummatni keenya itti fufiinsaan kaffalaniin boqonnaa seenessa dulloomaa siyaasa bishaan gaanfa Afriikaa guutummaatti jijjiireera.

Kanaafis uummatniifi hoggansi keenya injifachuutti boonneerra. Sammuun injifannoo raajii kana galmeesse, aarsaan jaalalaafi kabaja biyyaaf kaffalame faajjii birmadummaafi bilisummaa ta’ee yeroo hunda olka’ee leellifamaaf yaadatamaa jiraata.

Baga gurmoofne baga duullee duulchifne; baga injifanne. Kabajamtoota uummata keenyaa galatoomaa; ulfaadhaa!

Hiriirri guddicha guutummaa Oromiyaa Kaabaa hanga Kibbaa Bahaa hanga Lixaatti har’a gaggeeffame kun diinaafis firaafis ergaa murteessaa dabarseera.

Dinootni dhaabbataan guddina Itoophiyaa hin jaalanne olka’iinsa Itoophiyaa arguus dhaga’uus hin barbaadne dambalii uummataa guddaa kanaan qalbiin cabeera.

Uummatni keenya garaagarummaa ilaalchaa, lagaafi kutaan osoo hin qoodamin Irree gamtummaa isaa ammas irra deebiin nuuf mirkaneesseef Mootummaan Naannoo Oromiyaa kabajaafi ulfina olaanaa kan qabu ta’uu irra deebiin isiniif mirkaneessuun barbaada.

Boqonnaan keessa jirru gama hundaan haaraadha. Gubaarratt rivaanii kutnee olka’iinsa biyya keenyaa jalqabsiifneerra.

Jalqabbii olka’iinsa biyyaa labsame hordofee pirojektootni gurguddoon hoggansi keenya kabajamoo Muummicha Ministeraa Dooktar Abiyyi Ahmad Gubaarratti labsan duula hiyyummaarratti eegalleen injifannoo olaanaa kan nu gonfachiisu; gaanfa Afriikaatti dorgomtummaa Itoophiyaa sadarkaa olaanaatti kan ceesisudha.

Dhalootni kun humna abjuun kan guutame; hoggansa tarsimaa’aan kan masakame aarsaa qaalii kaffaluun jecha gochaan dhugoomsaa kan jirudha. Kabajamtoota uummattoota naannoo keenyaa; kaayyoon keenya Oromiyaa ijaaruu, Itoophiyaa utubuufi gaanfa Afriikaa tasgabbeessuudha.

Ergama kanaaf cimnee halkaniifi guyyaa imaanaa uummataa qabannee cichinee harka wal qabannee hojjechuu barbaachisaadha.

Abbaayyaan misooma biyyaa finiinsuu eegaleera. Didaa leenjisee misoomatti kan deebise harki gamtaa uummata keenyaa har’as bifa haaraan olka’iinsa Itoophiyaa itti fufsiisuun biyya fakkeenya badhaadhina Afriikaa ijaaruuf sagalee tokkoon waadaasaa yommuu haaressu akka mootummaatti ergama qabanneef aarsaa barbaachisu kaffaluun fuula duratti akka tarkaanfachiifnuuf abdii nutti hortaniittu. Isiniin boonneerra; karoora qabanne xiiqiin milkeessinee amaanaa nutti laattan osoo hin sharafin galmaan geenyee kan isin gammachiifnu ta’uu isiniif mirkaneessuun barbaada.

Xumura irratti boqonnaa haaraa eegalleen ajandaan biyyaalessaa guddichi mootummaan keenya qabatee jiru dhimma Ulaa Galaanaati. Ulaa Galaanaa shiraan dhabne seeraan deebisuun biyya guddoo ulfana maluuf gonfachiisuuf kan hojjennu ta’a.

Horaa bulaa deebanaa!

Oromiyaa ni ijaarra,

Itoophiyaa ni utubna,

Gaanfa Afriikaa ni tasgabbeessina;

Waaqayyos nu gargaara!

Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii MNO

Fulbaana 2018

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply