Jijjiiramni Finfinneen waggoota muraasa keessatti galmeessite Afrikaaf fakkeenya ta’a- MM Abiyyi Ahimad (Dr.)

You are currently viewing Jijjiiramni Finfinneen waggoota muraasa keessatti galmeessite Afrikaaf fakkeenya ta’a- MM Abiyyi Ahimad (Dr.)

‎AMN PLUS – Fulbaana 07/ 2018

‎Jijjiiramni Finfinneen waggoota muraasa keessatti galmeessite Afrikaa maraaf fakkeenya akka ta’u Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (Dr.) sirna eebbaa Kitaaba Ida’amuu 4ffaa, “Mootummaa Ida’amuu” irratti ibsan.

‎Jijjiiramni Finfinnee humna, maallaqaafi qabeenya ofiitiin yeroo gabaabaa keessatti barmaata dukkanaafi xuraa’uu keessaa ba’uun magaalaa jireenya lammiileef mijattuu taate ijaaruun akka danda’amu gochaatiin kan mul’ise ta’uus dubbataniiru.

‎Hojiin milkaa’ina qabu kun Afrikaa maratti fakkeenya ta’uu akka danda’ullee himaniiru.

‎Dhaadannoon mootummaa, “Manaa hanga magaalaatti, magaalaa hamma biyyaatti” ta’uu ibsuun Jijjiiramni magaalaa Finfinnee misoomauufi miidhagsuutiin argame haala magaalotaacu bakkeewwan biyyattii hedduu ajaa’ibsiisuun waan hojjatameef, magaalotni muuxannoo kana qooddachuun saffisaan ajaa’ibsiisaa agarsiisan jiraachuu himaniiru.

‎”Hojii muraasa hojjanneen kan boonnu yoo ta’e hin guddannu” kan jedhan Ministirri Muummee sadarkaa gaabbii keenyaatti ifaajuun hojii eegalee osoo addaan hin kutin itti fufsiisuuf Itoophiyaa mara fakkeenya miidhaginaan, jijjiiramaafi ammayyummaa taasisuun akka danda’amu hubachiisaniiru.

‎Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply