Godina Booranaa Bahaatti miseensonni hidhatanii ABO Shanee bosona keessa socho’uun hawaasa goolaa turan 130 karaa nagaatiin harka kennataniiru.
Ajajaan Kutaa Waraanaa Ajaja Kibbaa Leetenaal Koloneel Gabree Gaamoo, tarkaanfii cimaa Raayyaan Ittisa Biyyaafi qaamooleen nageenyaa biroo fudhataniin hidhattootni kunniin harka kennachuu himan.
Kanneen filannoo daandii nagaa fudhachuu didanirratti tarkaanfii cimaan fudhatamaa jiras jedhan.
Ajajaan Qajeelcha Poolisii Godina Booranaa Bahaa Komaandar Indaalkaachoo Tafarraa gamasaanitiin, godinichatti nageenya amansiisaan akka dhufuuf tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuu fudhatamaa jiruun mandheen Shanee diigamaa jiraachuu himuusaanii Kominikeeshinii Godinichaarraa odeeffanneerra.
Miseensonni Shanee karaa nagaatiin harka kennantanis uummata dararaa turuusaanii himuun, gochasaanii kanatti gaabbuun hawaasni dhiifama akka taasisuuf gaafataniiru jedhameera.