Ayyaanota amantaafi ummataa addabaabaayiitti kabajaman lameen Ayyaana Masqalaafi Irreechaa karaa duudhaa eeggateefi nagayaan kabajuun haalota danda’amu irratti jiraattonni Finfinneefi Shaggar mari’atan.
Maricha irratti hawaasni Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa fi Magaalaa Shaggar Kutaalee Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii, Kuraa Jiddaafi Kooyyee Facceerraa walitti babahan hirmaataniiru.
Ayyaanonni lameen kunneen karaa duudhaa isaanii kabajamanii akka darbaniif humnoota nageenyaafi hawaasni qindoominaan hojjachuun murteessaa ta’uun ibsameera.

Hoji Raawwachiisaa Olaanaan Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa Obbo Admaasuu Dachaasaa Ayyaanonni kunneen karaa milkaa’aan akka kabajamaniif qaamolee nageenyaa dabalatee, qooda fudhattoota adda addaa waliin mari’atamaa turuu kaasaniiru.
Ayyaanonni lameenuu yeroo Hidhi Haaroomsaa Guddicha Itoophiyaa itti xumuramee eebbifameefi gaaffiin dhalootaa furmaata itti argatetti akkasumas yeroo Finfinneen misooma koridariin miidhagdee misirroo fakkaattee jirtutti kabajamuun ayyaanota kanneen caalaattuu kan miidhagsu tahuu ibsaniiru.
Qindoominni hawaasaa fi humnoota nageenyaa gidduu jiru muuxannoo fi ogummaa cimaan ijaaruun nageenya magaalaa mirkaneessuu akka danda’e ibsameera.
Mahaammad Toofiq tu gabaase.