Jilli Atileetiksii Itoophiyaa Finfinnee gahe

You are currently viewing Jilli Atileetiksii Itoophiyaa Finfinnee gahe

AMN PLUS- Fulbaana 13/2018

Jilli Atileetiksii Itoophiyaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 20ffaa Jaappaan Tookiyootti geggeeffame xumuruun Finfinneetti deebi’e.

Jilli miseensota 36 qabu kun Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee yeroo gahu Ministira Aadaa fi Ispoortii Shawiit Shaankaa fi hoggantoota biroon simatameera.

Ministirri Aadaafi Ispoortii Aadde Shawiit Shaankaa jilichi Itoophiyaa addunyaa irratti maqaashee dhoofsisuuf yaalii taasiseef galateeffataniiru.

Ammas “walqeequurra, hojimanee guddaa qabdurratti xiyyeeffachuutu fala” jedhan.

Itoophiyaa dorgommichaan waggaa 34 booda meedaaliyaa Warqee kan dhabde yoo ta’u, Meetii 2fi Nahaasa 2n, addunyaarraa 22ffaa, Afrikaa irraa 4ffaan xumurte.

Salamoon Baqqalaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply