Yaaddoo nageenya qaama bishaanii gahuumsan eeguuf, eegumsi poolisii bishaan irraafi qarqara Haroo Nigaati eegalamuu isaa Komishinarri Jeneraalaa Poolisii Federaalaa Itoophiyaa Dammallaash G/Mikaa’el beeksisaniiru.
Yakkaa dursanii ittisuufi yoo raawwatames gahuumsan qolachuuf kan dandeessisu dhaabbanni Poolisii Ammayyaa’an ijaaramaa akka jiru Jeneraal Dammallaash G/Mikaa’el ibsaniiru.
Poolisiin nageenya lammiilee haala amansisaa ta’een eeguf qindoomina adda addaa uumuun hojii isaanii seeran bahachaa akka jiranis dubbataniiru.
Isaan kana keessaa ageenya qaama bishaanii mirkaneessuu kan dandeessisu eegumsa bishaan irraafi qarqaraa (koostaal gaardi) kan jedhamu caasaan Poolisii gurmaa’u isaa eeraniiru.
Koostaal gaardi bidiruuwwan motoora ammayyaa’a kan qaban yoo ta’an haroofi qaama bishaanii biroo irratti yaaddoo nageenyaa uumamu danda’u ittisuufi gahuumsan deebii kennu akka danda’anis ibsaniiru.
Miseensonni damee Koostaal gaardii Poolisii Federaalaa leenjii gahaa ta’e kan argtaniifi beekamtii addunyaa kan qabanidhas jedhaniiru.
Bidiruuwwan motoora ammayyaa kunneen kameeraafi sistaama raadaarii kan qaban ta’uu isaanii Komishinarri Jeneraal Dammallaash ibsaniiru.
Bidiruuwwan kunneen sochii seeran alaa kamiyyuu qaama bishaanii irratti raawwataniif yaaddoo nageenyaa gahuumsan to’achuu akka danda’an dubbataniiru.
Hidhi Haaromsaa guddichi Itoophiyaas hojii akka jalqabe yaadachiisuu isaanii TOI gabaase.