Ayyaanonni Daamaraa, Masqalaa fi Irreechaa balaa malee akka kabajamuuf qohii gahaan godhamuu komishiiniin Hooggansa Sodaa Balaafi Ibiddaa beeksise.
Komishiinichatti ogeessi Kominikeeshinii Uummataa Nigaatuu Maammoo AMN ‘f ibsa akka kennanitti Finfinneetti bakkeewwan filatamanitti ergaan of eeggannoo darbeera.
Kana irra darbee balaa mudataniin kutaalee magaalota kudha tokkoonuu fi waajjira giddugalaa kan jiran ogeeyyii fi maashinaroota akkasumas tajaajilli ambulaansii ayyaana sababeeffachuun qophiin godhamuu Obbo Nigaatuu Maammoo dubbataniiru.
Jiraattoti magaalaa guutummaan akkuma kanaan duraa komishiinicha irraa ergaa of eeggannoo darbaa jiru hojii irra oolchuun ayyaanicha balaa tokko malee akka xumuramuuf itti gaafatamummaa isaa akka bahatu waamicha dhiyeessaniiru.
Hawaasichi balaa ibiddaa fi balaawwan tasaa biroo yoo mudatan akkasumas tajaajila ambulaansii dafee qaqqabaa argachuuf 939 akka beeksisu himaniiru.