Jiraattonni Magaalaa Maqalee xumuramuu Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa hordofee sababa dhibaa’ummaa hoggantootaafi qindeessutoota naannichaan gammachuu isaanii osoo hin ibsatin hafuusaaniitti gadduu ibsan.
Hogganaan Waajjira Qindeessaa Hirmaannaa Uummataa Hidha Haaromsa Itoophiyaa Damee Naannoo Tigraayi Obbo Gabramikaa’el Mallas gama isaaniin Ibsi Gammachuu Biiroon Kominikeeshinii Bulchiinsa Yeroo Naannichaa baase gahaadha jedhaniiru.

Uummanni Itoophiyaa waggoota 14f akkuma hirmaannaa taasisuun ijaare, yeroo xumuramettis gammachuusaa ibsachaa ture.
Milkaa’ina Hidhichaa keessatti qooda ofiisaa ba’ataa kan ture uummanni Naannoo Tigraayi, addabaabayiitti ba’ee gammachuusaa akka hin ibsanne maaliif taasifame?
Jiraattonni magaalaa Maqalee Tajaajilli Oduu Itoophiyaa dubbise, hidhaan haaromsaa xumuramuusaan gammachuu guddaa akka qaban himan.

Obbo Gabrasillaasee Halafoom “Ummanni Tigraayi hojjetaa Mootummaa haga qonnaan bulaatti boondii bitee deeggareera. Garuu dhibaa’ummaa hoggantootaafi qindeessitootaan gammachuu keenya osoo hin ibsatin hafne” jedhaniiru.
Jiraataan biraa obbo Alamaayyoo jedhamanis “Haaromsi yeroo eebbifamu gammachuu guddaan daawwataa turre. Addabaabaayiitti baanee gammachuu keenya ibsachuus barbaannee turre” jedhaniiru.