Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ayyaanonni Uummataafi amantaa calaqqee heddummina Itoophiyaa ta’uu beeksise.
Ayyaanni Daamaraa/Ibsaa Masqalaa hambaalee kiliyyaa Itiyoophiyaan sadarkaa idil-addunyaatti galmeessiste keessaa tokko ta’uu tajaajilichi ibseera.
Ayyaanichi guutuu Itoophiyaatti dhalootaa gara dhalootaatti darbaafi eegamaa kan dhufe, agarsiistuu heddumminaafi tokkummaa sabdaneessaa Itiyoophiyaa ta’uu eereera.

Hambaa Dhaabbata Barnoota, Saayinsiifi Aadaa Mootummoota Gamtoomaniitti kan galmaa’eefis duudhaa isaa eeggatee akka itti fufuufi Itoophiyaarra darbee hambaa dhala nama hundaa ta’ee akka itti fufuu dandeessisuuf ta’uus ibseera.
Itoophiyaanonnis Ayyaana Daamaraa Masqalaa wagga waggaan duudhaa hawaasummaa haala eegeen kan kabajan ta’uu kaasuun, guddina damee tuurizimiif qooda isaa bahachaa akka jiru eereera.
Ayyaana Daamaraa Masqalaa bara kanaa kan kabajnu wayita injifannoo Itiyoophiyaanonni waloon milkeessine Hidha Guddicha Haaromsaa kabajaa jirrutti jedhe.
Kunis Ayyaanicha daran kan miidhagsu ta’uu ibsuun, baga Ayyaana Daamaraa Masqalaan geessan jedheera.