Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jaardagaa Jaarteetti hidhattoonni ABO Shanee 57 hidhannoo guutuu waliin karaa nagaan galuu himame.
Karaan qabsoo irra deemaa turan sirrii akka hin taane hubachuun biyyaa fi ummata keenya dararuurra karaa nagaa filanne jedhan hidhattootni ABO Shanee karaa nagaan galan kunniin.
Hidhattoonni kunniin waamicha nagaa mootummaa fi ummatni taasiseen hidhannoo guutuu waliin karaa nagaan galan harka kennataniiru.
Meeshaale waraanaa Bireeni Torba (7), isnaayiperii afur (4), Kilaashii 42 fi meeshaa boodatti hafaa afur (4) waliin harka kennachuus Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Godinichaa Obbo Taakkalee Olaanii himaniiru. OBN