Israa’el, Paalastaayiniifi anga’ootni addunyaa wixinee dhukaasa dhaabuu Pirezidaantiin Amerikaa Doonaald Tiraampiin dhiyaate simachuu isaanii beeksisan.
Ministirri Muummee Israa’el Beenjaamin Neetaaniyaahuu Waashingtan DC’tti argamanii Tiraamp waliin erga mari’atan booda wixinee Pirezidaantii Ameerikaatiin Gaazaatti dhukaasa dhaabuuf dhiyaate kana simachuu isaanii beeksisaniiru.
Anga’ootni addunyaas gareen Hamaas wixinee kana fudhatu waamicha dhiyeessaniiru. Wixineen gama pirezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraampiin dhiyaate dhukaasni akka dhaabbatu akkasumas lammiileen Israa’el ugguramanii Gaazaa keessatti argaman akka gadi dhiifaman ta’uu himameera.
Paalastaayin Wixinee kana “Abdii daandii nagaatti deebisu” jechuun ibsiteetti. Ifaajii Doonaald Tiraamp waraana Gaazaa dhaabsisuuf taasisan kan simatte ta’uu ibsiteetti.
Paalastaayin waliigaltee nagaa waaraa irra ga’uuf, Ameerikaa, biyyoota naannoofi michuuwwan idil-addunyaa waliin akka hojjatu beeksisteetti.
Waliigalteen taasifamu kamiyyuu deggersi namoomaa Gaazaa akka dhaqqabu, hidhamtootaafi ugguramtoota kan gadi lakkisiisu, mirga lammiilee siiviilii kan eegsisuufi dhukaasa dhaabsisuu akkasumas seera idil-addunyaa kamiyyuu akka hin cabne kan mirkaneessuu ta’uu akka qabus yaadachiisteetti.
Birmadummaan Paalastaayin akka kabajamu, dhaabbileen Gaazaa, Weesti Baankiifi Jerusaalem Bahaa keessatti argaman lakkifamuufi gibirri qabamee ture akka lakkifamu gaafateetti.
Filannoon xumura bara faranjootaa kanatti akka adeemsifamuufi biyyattiin daandii dimokiraasii akka hordoftus ibsameera.
Waraana Israa’eliifi Gaazaa waggoota lama ta’uuf adeemsifame kanaan lubbuun namoota Kuma 65 olii yoo darbu kanneen Kuma 100’n lakkaa’aman ammoo qe’ee isaanii irraa buqqa’anii qabeenyi hedduus manca’eera.
Wixineen kun milkaa’ee, waraanni kun dhaabbatee, qilleensi nagaa dachee Israa’eliifi Paalastaayin dhuunfataa laata?
Malkaamuu Abbabaatiin