Himatamtootni mallattoo tiraafikaa misooma koriidariif hojjataman buqqisanii fudhatan to’atamuun hidhaa waggaa ja’aatiin akka adabaman Qajeelchi Waliigalaa Poolisii Magaalaa Finfinnee beeksiseera.
Ibsa qajeelchi kun AMN’f ergeen, mallattoo tiraafikaa buqqisanii fudhachuu irra darbee kuusaa balfaa 6 hatuu isaanii ibseera.
Himatamtootni kunneen yakka kana kan raawwatan Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa Aanaa 8 Naannoo Mana Barumsaa Kaambiriiji jedhamutti Fulbaana 4 bara 2018 halkan naannoo sa’aatii 10:00’tti akka ta’e ibsameera.
Himatamtooti Taarraqany Taaffasaafi Afawarq Yoonaas wayita yakka mallattoo tiraafikaa buqqisanii fudhachuu raawwatanitti miseensota poolisiin harkaafi harkatti qabamuu ibsameera.
Kuusaa balfaa Ja’a tokkoon tokkoo isaanii Birrii Kuma 200 baasan Birrii Kuma 8’tti gurguruu isaanii amanuu isaaniin namootni irraa bitanis to’atamanii meeshaalee kanneen akka deebisan taasifamuu himameera.
Himatamtootni lamaan mana murtii Federaalaa Sadarkaa Jalqabaa Lammii Kuraa Dhaddacha 3ffaatti dhiyaachuun tokkoon tokkoo isaanii hidhaa waggaa 6’n kan adabaman yoo ta’u, yakka kuusaa balfaa hatuu ittiin shakkamaniin ammoo dhimmi isaanii qulqullaa’ee Onkoloolessa 6 Bara 2018 mana murtiitti akka dhiyaatan Qajeelchi Poolisii Waliigalaa Finfinnee beeksiseera.
Yakkootni bu’uuraalee misoomaa irratti raawwataman yakka qabeenya uummataa irratti raawwatamu, hawaasni qaama nageenyaaf odeeffannoo akka kennu qajeelchi kun yaadachiiseera.