Ejensiin Geejjiba Oromiyaa Ayyaana Irreechaa kabajamuuf jiruun walqabatee hanqinni kenna tajaajila geejjibaa akka hin jiraanne hojjataa jiraachuu beeksise.
Dabalataanis, balaan tiraafikaa akka hin uumamne xiyyeeffannaa olaanaan kan hojjataa jiru ta’uu Hoogganaan Ejensichaa Obbo Daani’eel Charinnat ibsaniiru.
Ayyaana Irreechaa Fulbaana 24 fi 25 bara 2018 Hora Finfinnee fi Hora Harsadeetti kabajamuuf jiruun walqabatee fedhii fi dhiyeessii geejjibaa wal simsiisuuf akka hojjatamu ibsaniiru.
Kana malees, tajaajila geejjibaa si’ataafi nageenyummaan isaa eegame hawaasa biraan gahuuf qooda fudhattoota waliin qindaa’uun akka hojjetu ejensichi ibsuu isaa odeeffannoon KMO AMNf erge ni mul’isa.