Guyyaan Buna Addunyaa har’a kabajamaa jira

You are currently viewing Guyyaan Buna Addunyaa har’a kabajamaa jira

‎AMN PLUS- Fulbaana 21/2018

‎Bunni ummata walitti fiduu fi hariiiroo hawaasummaa cimsuu keessatti gahee guddaa qaba. Oromoon, “Bunaafi nagaa hin dhabinaa” jechuun waa’ee nagaa yoo ibsu, buna wajjin nagaan bu’a jedhee akka yaadu hayyootni ni dubbatu.

‎Yeroo hunda buna yeroo dhaabbatan, ni eebbifatu. Ganamas haa ta’u, guyyaa yeroo bunni dandeenye eebbisuuf ta’an jabanaan ibiddarras teessoo Bunaa irraa hin taa’u, kan buna dhaabe sanatu gurroo jabanaa harkaan qabatee taa’a. Kan gurroo jabanaa qabattee jirtu sun “Qaa jabaa” jetti. Kana jechuun “Eebba jalqabaa” jechuu isheeti, akka abbootiin jedhanitti.

‎Abbaa warraa ykn qaalluun ykn hangafti mana keessa jiru, “Jabaa Rabbi jabaa” jedhee eebbisa.

‎Har’i Guyyaa Bunaa addunyaati. Fulbaana 21, 2018, guyyaan Bunaa Addunyaa kabajama. Guyyaan kun Onkoloolessa 1, Bara 2015 Dhaabbata Bunaa Addunyaatiin akka kabajamu kan murtaa’e Xaaliyaanii, Miilaanitti.

‎Kaayyoon isaas daldala bunaa gabaa bilisaa irratti beeksisuufi oomishtoota bunaaf hubannoo uumuuf akka ta’e ragaan dhaabbaticha irraa argame ni mul’isa.

‎Guyyaa Bunaa kana manneen bunaa hedduu maamiltoota isaanii kan affeeran yoo ta’u gariin ammoo hir’isa gatii ni taasisu.

‎Asumaan odeeffannoowwaniifi dhugaawwan bunaan Wal qabatan tokko tokko isinitti haa himnu.

‎Bunni biqiltuu naannoo ho’aatti biqilu yoo danfifamee dhugamu hangaa ol nama si’eessa.

‎Ijnibbunaa inni jalqaba kan argame Itoophiyaa kessatti, Boodarra garuu Itoophiyaadhaa ka’ee ardii hundumattuu tatamsa’e jedhama.

‎Addunyaa irratti buna oomishuudhaan biyyoota beekaman keessa Biraazil sadarkaa tokkoffaarra jirti. Biraazilitti aanuudhan biyyooni akka Veetinaam, Kolombiyaa, Indoneezhiyaa, Honduraas, Itoophiyaa, Indiyaa, Meeksikoo, Gu’aatimaalaa, fi Peeruun sadarkaa 2ffaa hanga 10ffaatti qabatanii argamu.

‎Itoophiyaa keessatti, buni baay’inaan kan oomishamu naannoo Oromiyaa, Sidaamaa fi naannoo Sabaa fi Sab-lammoota Kibbaa keessatti.

‎Naannoo Oromiyaa keessaa godinaalee akka Jimmaa, Iluu Abbaabooraa, Wallagga, Booranaa fi godinaalee Hararge keessatti baay’inaan oomishama.

‎Hiyyeessa ta’ee dureessa, maanguddoo hanga dargaggoo buna unatan malee ooluu kanneen hin dandeenyee hedduudha.

Qabiyyeen buna keessatti argamuufi nama si’eessu Kaafeeyiin jedhama.

‎Bunni harki 90 kan ta’u kan oomishamu biyyoota guddinarratti argaman jedhaman keessattuu Kibba Ameerikaatti yoo ta’u, faallaa sanaatiin irra jireessi namoota buna dhuganii kan argaman biyyoota guddatan keessatti.

‎‎Habarmaas akka jedhaniitti, jaarraawwan 17ffaa fi 18ffaa keessatti manneen bunaa jiddu galawwan namoonni itti yaadaa fi ilaalcha isaanii itti wal jijjiiraa turan akka ta’e seenaan ni eera.

‎Namoota falaasamaan beekaman keessaa lammiin Faransaay Voolteeyiir guyyaatti buna sinii 72 dhugaa akka turan himama.

‎Hiriyaan isaanii Diideerootim ammoo insaayikilopidiyaa kutaalee 28 qabu barreessuudhaaf buna baay’inaan akka dhugaa turan dubbatama.

‎Madda: Wikipiidiyaa fi gmanetwork.com

Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply