Ministirri Dhimma Alaa Mootummaa FDRI Geediyoon Ximootiiwos (Dr.) Ministira Dhimma Alaa Nooriweey Ispeen Baarz Oyed fi Deetaa Ministira Dhimma Alaa Deenmaark Loot Mashaan waliin marii taasisuun isaanii ibsameera.
Marichi Itoophiyaatti pirojektii qulqullina anniisaa fi misooma bosonaa akkasumas haala nageenya naannichaa irratti kan xiyyeeffatu ta’uu beekameera. fi
Dabalataanis, biyyootni naannoo Noordiik hojiiwwan invastimantii Itoophiyaa keessatti hojjataa jiran irrattis mari’ataniiru.
Ministirri dhimma alaa Geediyoon (Dr.) Itoophiyaan Nooriweeyiifi Deenmaark waliin walitti dhufeenya bara dheeraaf akka qabdu ibsanii mariin kunis hariiroo isaanii caalmaatti cimsee akka itti fufuuf carraa kan uume ta’uu kaasuu isaanii odeeffannoon Ministeericha irraa argame ni mul’isa.