Ministeerri Aadaa fi Ispoortii Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa waliin ta’uun, qophiifi raawwii Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Tookiyoo irratti galmaa’e ilaalchisuun qaamolee dhimmi ilaallatu waliin marii taasisaa jira.
Saganticha irratti argamuun haasaa kan taasisan Deetaan Ministiraa Ministeera Aadaa fi Ispoortii Obbo Makkiyyuu Mahaammad, “Atileetiksiin damee Ispoortii guddinaafi tokkummaa Itoophiyaa addunyaatti ittiin labsinuudha” jedhan.
Jilli Atileetiksii Itoophiyaa Tookiyootti imale jalqaba qophii taasisuu quba qabaachuu eeruun, ta’us qabxiin hin eegamne galmaa’uu isaan hundumaa rifachiisuu hubachiisaniiru.
Qabxii gad aanaa galmaa’e duuba rakkoon waliin hojjechuufi wal dhaggeeffachuu guddaan jiraachuu himaniiru.
”Miirri ana qofaatu beeka jedhu eessaanuu nun gahu” kan jedhan Obbo Makkiyyuu Mahaammad, atileetiksii Itoophiyaa bakkatti deebisuuf sochii taasifamaa jiru keessatti qaamolee gufuu ta’an irratti tarkaanfiin seeraa akka fudhatamu beeksisaniiru.
Rakkoo Atileetiksii mudate furuuf Sanadni qaamolee damee atileetiksii keessatti argaman hunda hirmaachise qophaa’uus ibsameera
Dachaasaa Dhaabiitu Gabaase