Duudhaaleen aadaa Oromoo dhalootatti dabruu qabu- Abbaa Gadaa Lataa Birraa

You are currently viewing Duudhaaleen aadaa Oromoo dhalootatti dabruu qabu- Abbaa Gadaa Lataa Birraa

‎AMN PLUS- Fulbaana23/2018

‎Duudhaalee aadaa Oromoo osoo hin qisaasa’in dhalootatti dabarsuun akka barbaachisu Abbaan Gadaa Lataa Birraa hubachiisan.

‎Duudhaalee ibsituu aadaa oromoo araaraafi nageenya, jaalalafi tokkummaa dhalootaf dabarsuun nama hundarraa akka eegamu Miseensa Saglii Gadaa Tuulamaatti Abbaan sa’aa Lataa Birraa yaada AMN Dijitaalif kennanin ibsaniiru.

‎Sabaafi sab-lammoonniifi ummattoonni biyyattii duudhaalee Irreechaa kan ta’an araara, nageenya, jaalalaafi tokkummaaf iddoo guddaa kan qaban ta’uudha ibsan.

‎Ibsituu ummata Oromoo kan ta’e Sirna Gadaafi Irreecha osoo duudhaalee isaa gadi hin dhiisin dhalootaf dabruu akka barbaachisus dubbataniiru.

‎Duudhaaleen Sirna Gadaafi Irreechi aadaa ummata Itoophiyaas waan hammatuuf sirritti kununsuun dhalootaaf dabarsuun akka barbaachisus Abbaan Gadaa Lataa Birraa hubachiisaniiru.

‎Ayyaanni Irreechas duudhaalee kanneen kan cimsu waan ta’eef kabaja ayyaana baranaas araara, nageenya, jaalalaafi tokkummaan akka kabajamuuf dhaamaniiru.

Shuumii Badhaasootiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply