Kenna tajaajilaa seera qabeessaafi si’ataa taasisuuf hojii jalqabne cimsinee itti fufna- Kantiibaa Adaanach Abeebee

You are currently viewing Kenna tajaajilaa seera qabeessaafi si’ataa taasisuuf hojii jalqabne cimsinee itti fufna- Kantiibaa Adaanach Abeebee

AMN Plus- Fulbaana 28/2018

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Tajaajila Giddugala Tokkoo Masoob damee Boolee hojii eegalchiisaniiru.

Ministira Muummee waliin tahuun Giddu galeessa tajaajila Dijiitaalaa bakka tokkoo eegalchiisuu isaanii kan yaadachiisan Kantiibaa Adaanach Abeebee dameewwan saffisaan babal’isuuf akkaatuma waadaa seenneen hojiirra oolchaa jirra jedhan.

Har’a dhaabbilee federaalaa 3 fi kan magaalaa 12 qabachuun tajaajiloota magaalaa 96 kan kennu, Wiirtuu tajaajila bakka tokkoo Damee Boolee hojii eegalchiisuu isaanii ibsaniiru.

Komii ummataa kan ture rakkoo tajaajilaa hiikuuf mootummaan xiyyeeffannoo addaan hojjetaa jiraachuu Kantiibaa Adaanech saganticharratti haasawa taasisaniin dubbataniiru.

Tajaajila Giddugala Tokkoo Masoob Finfinnee Qaammee 5 hojii eegale dabalataan kutaalee magaalichaa hundatti babal’isuuf hojjetamaa jiraachuu eeran.

Wiirtuun Tajaajila Dijiitaalaa bakka tokkoo Boolee Gamoo abbaa darbii 6, baatii 4 keessatti tekinooloojiifi galteewwan barbaachisoo guutuufi humna namaa leenjisuun guutuu ta’uu beeksisaniiru.

‎Qaamolee Wiirtuun tajaajila bakka tokkoo kun akka milkaa’uuf tumsa taasisan hundaa galateeffachuun, Magaalaa Finfinneetti kenninsa tajaajilaa seera qabeessaafi si’ataa taasisuuf hojiin jalqabame cimee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply