Feestivaalli Nyaata Aadaa Sabaafi Sablammoota Itoophiyaa baname

You are currently viewing Feestivaalli Nyaata Aadaa Sabaafi Sablammoota Itoophiyaa baname
  • Post category:Aadaa
  • Post comments:0 Comments

AMN PLUS- Onkoloolessa 1/2018

Ministirri Hojiifi Ogummaa Aadde Mufariyaat Kaamil Feestivaala Nyaata Aadaa Sabaafi Sablammoota Itoophiyaa banan.

Feestivaalichi gosoota nyaata garaa garaa sabaafi sablammootni akkasumas Uummattootni Itoophiyaa sooratan beeksisuuf qophaa’uun isaa ibsameera.

Feestivaala kana Inistitiyuutiin Leenjii Tuurizimii Itoophiyaa “Kuriftu African Village” wajjin ta’uun akka qopheessan ibsameera.

Feestivaala Magaalaa Shaggar keessatti adeemsifamaa jiru kana irratti gosootni nyaata garaa garaa kan dhiyaatan yoo ta’u aadaa bakkeewwan garaa garaa Itoophiyaa keessatti argaman beeksisuu irra darbee walitti dhufeenya lammiilee jidduu jiru cimsuu irratti kan fuuleffata ta’uu himameera.

Sirna Baniinsa Feestivaala kanaa irratti Ministirri Hojiifi Ogummaa Aadde Mufariyaat Kaamil, Kantiibaa Magaalaa Shaggar Addunyaa Tashoomaa (PhD) fi anga’ootni biroo argamaniiru.

Balaayihun Fissahaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply