AMN PLUS – Onkoloolessa 04/2018
Itoophiyaan biyya galaana lama gidduu jirtu taatee ulaa galaana argachuun ni malaaf jechuun Pirezidaantii Yunivarsitii Naannoo Oromiyaa Garramuu Hulluuqaa (Dr) dubbatan.
Dooktar Garramuun turtii AMN Plus, Qophii ‘Roga Dubbii’ waliin taasisaniin, Itoophiyaan Abbayyaa fi galaana Diimaa gidduu jiraachaa ulaa galaanaa dhabuun qaaniidha jedhanii, kana sirreessuuf tarsiimoo teessumaa (Geo strategy) ishee tolfachuun galaanaan wal arguu qabdi jedhaniiru.
Kana dhugoomsuuf hojiin diippiloomaasii dheeraan karaa Muumicha Ministeeraa hojjetameefi hojjetamaa jirus bu’a qabeessa ta’aa jiraachuu eeraniiru.

Galaana diimaa dhabuu Itoophiyaatiif sababoonni sadii, tokko injifannoo Aduwaa bara 1890 booda Minilik Eritiriyaa gamatti dhiisuu, lammaffaa Dargiin federeeshinicha diiguu fi sadaffaan mootummaan ce’umsaa ADWUI daangaa ulaa galaanaa Eritiriyaaf kennuun madaa seenaa ta’eera jechuun dubbataniiru.
Mootumman beekamtii uummataa hin arganne yaroo ce’umsaa fayyadamee Asab kaleessa Eritiriyaa keessa hin turre kutuun murtoo jarjarsaatiin ergama Igipti dhugoomsuuf Asabiin nurraa kutanii Eritiriyaatti kenname jedhan.
Carraan Itoophiyaan ittiin ulaa galaanaa dhabde inni biroo yaroo sanatti Barreessaa Olaanaa UN lammii Igipti Buutiroos Butiroos Gaalii fi dura taa’aan Komishiinii Gamtaa Afiriikaa lammii Igipti waan turaniif kana dawoo godhatanii ergama isaanii raawwachuus kaasaniiru.
Gaaffiin ulaa galaanaa Itoophiyaan gaafattu sababoota of danda’ee 4 qaba jedhu Dooktar Garramuun. Jalqaba guddina ariifataa irra jiraachuu, inni biroo biyyoota ulaa galaanaa hin qabne keessaa heeddummina uummataa Miliyoona 130 ol qabaachuu akkasumas itti dhiyeenya Asab irraa qabduufi Asab qabeenya uummata Itoophiyaa ta’uu eeraniiru.

Imaammanni Itoophiyaan biyyoota alaaf qabdu dursa biyyoota ollaaf ta’ee kunis nagaa, misooma walitti dhufeenya sabootaaf irratti hojjetaa jirti jedhan.
Osoo waliif yaaduun jiraatee Ulaan galaanaa dubbiin ijoo hin ta’u ture, Eritiriyaanis ollaa keenya waan taateef nutis waliin guddanna jenna jedhan.
Eritiriyaan kana cinatti dhiisuun erga walaboomtee Itoophiyaaf nagaa laattee hin beektu, kan jedhan Dooktar Garramuun, ofiif dhimma keessoo Itoophiyaa jeequufi ergamtuu Igipt ta’uun danqaa nageenyaa fi misooma uummata Itoophiyaa taatee jiraachuu himan.
Kana sirreessuuf karaa nagaan itti deemama garuummoo gowwummaa keessaa baanee karaa sirriin qabeenya uummata Itoophiyaa Asabiin deeffachuun yaroon itti dheerachuu hin qabu jechuunis kaasaniiru.
Hawaasi dhimmi ulaa galaanaa wal qixa hubachuun mootummaa cina dhaabbachuu qaba, biyyooni dhimma kana dhageeffatan akka sirriitti hubataniif hojiin dippiloomaasii kana caalaa akka hojjetamuu qabuu himan.
Kana keessattis hayyoonni garaagarummaa addatti kewwannee, dhimma biyyaa irratti waliin hojjechuun iyya uummata Itoophiyaafi mootummaa dhageettii addunyaa itti uumuu qabna jechuun dhaamaniiru.
Daraartuu Tarreessaatiin