AMN Plus- Onkoloolessa 08/2018
Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee raawwii kurmaana 1ffaa bara 2018 qorachuu eegaluu Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee himan.
Waltajjichaan raawwii guyyootii 90 ilaaluun, milkaa’inaa fi qaawwa mul’atan sirnaan qorachuun kallattiin akka kaa’amu miidiyaa hawaasummaa isaaniin beeksisaniiru.
Fuulduratti dhimmoonni xiyyeeffannaa addaafi tumsa barbaadan akka adda baafamanis ibsaniiru.