‎Fooramiin Xaanaa Bor Baahir Daaritti eegalama

You are currently viewing ‎Fooramiin Xaanaa Bor Baahir Daaritti eegalama

‎AMN PLUS- Onkoloolessa 13/2018

‎Keessummootni biyyoota garaa garaa Fooramii Xaanaa bor eegalamu irratti hirmaachuuf Baahir Daar seenaa jiru.

‎Anga’ootni Afrikaa fi qaamoleen qooda fudhattootaa dhimma nagaafi tasgabbii waaraa Fooramii Xaanaa 11ffaa irratti hirmaachuuf Baahir Daariifi Finfinnee seenaa jiru.

‎Fooramiin kun Onkoloolessa 14 haga 16, bara 2018tti kan adeemsifamu yoo ta’u Pirezidaantiin Naannoo Amaaraa Araggaa Kabbadaa, Kantiibaan Magaalaa fi anga’ootni naannichaa keessummootaaf simannaa taasisaa jiru.

‎Ministirri Dhimma Alaa FDRI Geediyoon Ximootiwoosiifi kanneen biroo Baahir Daar seenuu kan ibsame yoo ta’u fooramiin kun Magaalaa Baahir Daariifi Finfinneetti akka adeemsifamu odeeffannoon Ministeera Dhimma Alaa irraa argame ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply