AMN PLUS- Bitootessa 29/2017
Biiroon Misoomaa fi Bulchiinsa Lafaa Magaalaa Finfinnee marsaa shanaffaaf lafa tajaajila adda addaaf oolu pilootii 427 Caalbaasii liiziif dhiheesse ture har’a bakka dorgomtoonni argamanitti ifatti baneera.
Biirichi lafa Magaalaa Finfinnee sirnaan bulchuu fi hogganuun wal qabatee lafti tajaajila barbaadamuuf qofa akka ooluuuf karaa teekinooloojiin deeggarameen hojjechaa Jira.
Lafa magaalattii qisaasama fi saamicha irraa baraaruuf hojiilee hojjechaa jiruun marsaa shanaffaaf lafa tajaajila adda addaaf oolu Pilootii 427 adda bahan Caalbaasii liiziif dhiheesse har’a kan kutaalee Magaalaa Lammii kuraa, Gullallee, Qirqoos, Araadaa fi Eekkaa keessatti argaman ifatti banamuun bu’aan isaas dorgomtootaaf ibsameera.
Kutaawwan magaalaa kanneenitti lafti adda bahe pilootiin 86 har’a bakka dorgomtoonni argamanitti ifatti caalbaasichi banamuun abbaan injifates beekkameera.
Sagantichi kutaawwan magaalattii lafti adda bahe kanneen hafaniif dorgomtoonni bakka argamanitti adeemsi Caalbaasii ifoomsuu hanga Eebla 3/2017tti kan itti fufu ta’uu hubachuun dana’amerra.
Sisaay Dirribaatu Gabaase