AMN PLUS- Mudde 24/2017
Daandiin Qilleensa Itoophiyaa barii bara haaraa 2025tti Xiyyaara Air Bus A350 -1000 3ffaa fudhachuu beeksiiseera.
Daandiin qilleensichaa Xiyyaaroota mijatoo fi ammayyaa hojiirra oolchuun maamiltootaaf tajaajila si’aataa fi amansiisaa kennaa jiraachuu ibsameera.
Damee Aviiyeeshinii Afrikaatti milkaa’ina olaanaa itti goonfate sadarkaa idil addunyaattis dorgomtummaa isaa caalmaatti cimsuuf hojjechaa jiraachuu ragaan fuulaa Daandii Qilleensa Itoophiyaarraa argame ni mul’isa.