Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Itoophiyaan naannichatti nagaa buusuuf tattaaffii taasisaa jirtu kan deeggaru ta’uu ibse

You are currently viewing Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Itoophiyaan naannichatti nagaa buusuuf tattaaffii taasisaa jirtu kan deeggaru ta’uu ibse

AMN – Sadaasa 16/2017

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii, Itoophiyaan nageenyaa naannichatti akkasumas addunyaaf nagaa buusuuf tattaaffii taasisaa jirtu kan deeggaru ta’uu Gargaaraan Barreessaa Olaanaa Dhaabbatichaa fi Qindeessaa Gargaarsa Namoomaa damee Itoophiyaa Dooktar Raamiiz Alaakbaroov ibsan.

Yaa’iin Nageenya Ardii Afrikaa mata duree “Afrikaa Badhaate fi Nagaa Ijaaruu” jedhuun Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Dooktar Raamiiz Alaakbaroov yaa’icha irratti ergaa dabarsaniin, nagaa Addunyaa fi misooma itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf nagaa Afrikaaf dursa akka kennamuu qabu himuun, dabalataanis nageenyi tattaaffii waloo fi tumsa hundaa akka barbaadu hubachiisuu isaanii TOItu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply