Magaalaan Finfinnee dorgommii bulchiinsa saffisa idil-addunyaa gosa isaatiin isa jalqabaa ta’e irratti warqee injifachuun ishee beekameera.
“Bloomberg Philanthropies” magaalota seera bulchiinsa saffisaa baasan akkasumas hojiirra oolchuun nageenya daandii fooyyessaniif beekamtii kenneera.
Magaalaan Finfinnee dorgommii Waashingitan D.C tti qophaa’e irratti badhaasa Warqee kana argatteetti. Finfinneen badhaasa Warqee kan injifatte magaalota dorgommii badhaasa kanaaf xumura irra ga’an saddeet keessaa 1ffaa ba’uu isheetiin jedhameera.
Bara 2015 hanga 2017tti magaalonnii fi bulchiinsi magaalotaa jalqabbii kana keessa jiran daangaa saffisa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO)’n bahe akka fudhatanii fi hojiirra oolchan jajjabeeffamaniiru. Istaandardiin saffisa waliigalaa magaalaa sa’aatii tokkotti kiiloo meetira 50 gadi kaa’uu fi manneen barnootaa, hospitaalota, gabaa fi naannoo sochiin tiraafikaa baay’inaan itti baay’atu kan birootti sa’aatii tokkotti kiiloo meetira 30 gadi hir’isuun tooftaalee saffisa hir’isuu hojiirra oolchuudha.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee , “Magaalaan keenya bulchiinsa nageenya daandii irratti ga’umsa olaanaa agarsiisteen, badhaasa Warqee injifachuun keenya kabaja guddaadha” jedhaniiru.
Beekkamtiin kun magaalaan Finfinnee bulchiinsa saffisaafi nageenya daandii irratti kutannoo cimaa akka qabdu irra deebi’ee kan mirkaneessu akka ta’e ibsaniiru. Kantiibaa Adaanach itti dabaluun, “Badhaasni doolaara kuma 100 kun fooyya’iinsa daandii magaalaa keenyaa nageenya, fayyaa fi jiraattotakeenyaaf, mijooftuufi mijattuu hunda hammatte taasisuun akka itti fufnu nu gargaara” jechuunis ibsaniiru.
Magaalaan Finfinnee bulchiinsa saffisaa hojiiwwan kalaqaafi teekinooloojiiwwan haaraan kan deggarame taasisuun jijjiirama fooyya’aa fiduuf akka hojjatamu himameera. Keessumattuu, kaameraawwan to’annoo saffisaa magaalaa giddu gala godhatan akkasumas sirna geejjibaa nageenyi isaa mirkanaa’e hojiittihiikuuf magaalattiin karoorfachuu ibsameera.
Akka ibsa Bluumbargitti Dhaabbatni “Bloomberg Initiative for Global Road Safety” jedhamu kun dhaabbilee dhimmi ilaalu biyyoota addunyaairratti argaman biro waliin hojii lubbuu baraaraa kana irratti waggoota 20 caalaniif hojjachaa turuu isaa ibsi Waajjira Kantiibaa Bulchiinsa MagaalaaFinfinnee irraa arganne ni mul’isa.