Liivarpuul moo PSG tu marsaa itti aanutti darba?

You are currently viewing Liivarpuul moo PSG tu marsaa itti aanutti darba?

AMN PLUS_Bitootessa 02_2017

Taphni deebii Shaampiyoonsiliigii Awurooppaa Liivarpuulii fi PSG gidduutti taasifamu hawwiin eegama.

Gara Paaris imaluun taphaan caalamanii garuu galchii 1: 0 injifatanii kan deebi’an gareen Arnee Isloot marsaa itti aanutti darbuuf qabxii kana eegsifachuuf taphatu.

Kubbaa miilaa bira haqni hin jiru kan jedhan leenjisaan PSG Luwiis Heenirikeen tapha dirree isaanii irratti taasifame injifachuu dandeenya, garuu carraan nu bira hin turre jedhan.Tapha PSG olaantummaa irratti fudhate kanaan karra eegaa isaa Aliison Beekariin gargaaramee injifannoon kan gale Liivarpuul gahumsi taphattoonni kilabichaa dirree keessatti agarsiisaniinis qeeqni guddaan isaan muudataa ture.

Heenirikeen morkii kana injifannee marsaa itti aanutti dabarra, haloos ni baana jechuun dhaadatan.

Tapha kana irratti urjii morkichaa kan ta’e Aliison Beekar taphataa cimaa morkii Shaampiyoonsiliigii Awurooppaa torbee kanaa ta’uun isaas ni yaadatama.

Taphni kilaboota lamaanii har’a galgalala sa’aatii 5:00 irraa eegalee Anfiild Rooditti gaggeeffama.

Misikkir Alamaayyoo

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply