AMN PLUS – Guraandhala 28, 2017
Sirna wal-harkaa fuudhiinsa baallii Gadaa Booranaa 72ffaa sababeeffachuun wal-dorgommiin biskileetii Tuurii Gadaa jedhu Magaalaa Yaaballootti Eegalamera.
Wal-dorgonmmii kana irratti dorgomtoonni biskileetii Magaalaa Finfinnee,Dirree dawaa,Shaggar,Tigraay,Amaaraa ,sidaamaa hararii , Naannoo oromiyaa giddugala Itoophiyaa yoo ta’an kilaboota irraa immoo Gaarada ,Eletriika Itoophiyaa, Akaamii Ispoortii Itoophiyaa, Kilabii Poolisii finfinnee yoo ta’an gareen biyyaalessa Ruwaandaa kiigaalii irraa dhufan hirmaataa jiru.
Ispoortessitoonni 110 wal dorgommii kana irratti kan hirmaatan yoo ta’u dorgommichi
Km 100 uwwisa.
Ispoortessitoonni 1 hanga 10ffaa bahan badhaasa birrii kuma 50 kaasee badhaafamu.
Waldorgommiin Gadaa tuurii kun marsaa 8ffaadha.
Caalaa Barakatuu gabaasee