Shakkamtootni maallaqa sobaa biyya alaa qabatanii socho’aa turan afur to’atamuu Poolisiin beeksise

You are currently viewing Shakkamtootni maallaqa sobaa biyya alaa qabatanii socho’aa turan afur to’atamuu Poolisiin beeksise

‎AMN PLUS- Sadaasa 17/2018

‎Shakkamtootni maallaqa sobaa biyya alaa qabatanii socho’aa turan afur to’atamuu Qajeelchi Waliigalaa Poolisii Magaalaa Finfinnee beeksiseera.

‎Namootni Bariwaa Kabbadaa, Saamu’eel Mulugeetaa, Mulaat Abbaayiifi Jaakoo Peenzoo jedhaman kunneen Kutaa Magaalaa Laaftoo Aanaa 6 keessatti mallaqa kana waliin qabamuu eerameera.

‎Maallaqa liqeeffate, doolaariin akka deebiseef kan dubbatu, hiriyaan Mulaat, yeroo baankiitti jijjiirrachuu dhaqu, maallaqa sobaa akka ta’e itti himameera.

‎Sababa kanaan eeruu poolisiif kennameen yoo sakatta’iinsi taasifamu Yuuroo sobaa 1000 argameera.

‎Akkuma sakatta’iinsi bal’achaa adeemeen maallaqni sobaa dabalataa doolaara 7000 ta’u, shakkamtoota waliin kan qabame ta’uu poolisiin ibseera.

‎Lammiin biyya alaa Jaakoo Peenzoo jedhamus gocha yakkaa kanaan shakkamuun kanneen to’ataman keessaa ta’uu ibsameera.

‎Hawaasni sochii maallaqa seeraan alaatiin taasifamu ittisuuf qaamoleen nageenyaatti eeruu akka kennuun gocha kana akka ittisu Qajeelchi Waliigalaa Poolisii Magaalaa Finfinnee waamicha dhiyeesseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply