Barri wal dorgommii 2025/26 kilaboota lameen Arseenaaliifi Baayermuunikiif fuula kenneera.
Lamaanuu taphoota Chaampiyoonsi Liigii Awurooppaa hanga ammaatti taasisan injifannoon bahuun cimina isaanii bara kanaa keessatti eerama.
Sanu Arseenaal ammoo galchii tokkollee hin keessummeessine.
Galgala kana tapha 5ffaa Chaampiyoonsi Liigii Awurooppaa bara kanaaf beellama wal-biraa kan qaban Arseenaaliifi Baayermuunik tapha of-eeggannoon guutame taphachuu maluun xiinxalameera.
Kilabootni lameen leenjistoota ga’eessota Mikeehel Arteettaafi Vinseenti Kompaaniin durfamuun warreen iccitii walii beekan dubbiin jedhus duubarraan hordofeera.
Baayermuunik itti deddeebi’ee Arseenaaliin tapha Chaampiyoonsi Liigii Awurooppaa irraa fageessaa turuun haaloo bara dheeraatu gidduu isaanii jira.
Haata’uti Arseenaal amma ilmaan geessifachuun haaloo turee bubbulee deebisuuf humna qabaachuun dhugaa dirreerraa dubbifamaa jiru yoo tahu, Baayermuunik ejjennoo wal fakkaataa qabaachuun sodaa biroo Arseenaal tahuu akka hin oolle xiinxaluunis nama hinrakkisu.
Haala waliigalaan Arseenaaliifi Baayermuunik bara kana taphoota taasisan hundarratti gahumsa wal fakkaataa galmeessuun maqaa qabu.
Kun hundi walitti ida’amee taphni Chaampiyoonsi Liigii Awurooppaa har’a halkan sa’atii 5 tti qaban akka eegamu yoo tahu, tarii miira wal sodaa qabuun gara dirree seenuun taphichi akka hawaasni ispoortii idil addunyaa itti eeguu tahuu dhiisuu mala.
Isiin taphicha tilmaamuuf fedhii qabduu laata?
Iddoosaa Abdiitu Qindeesse