Ji’a sadaasaa kanatti Itoophiyaan gama dippiloomaasiitiin bu’aawwan hedduu akka galmeessite Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo ibsan.
Itoophiyaan Yaa’ii Biyyoota Garee 20 (G20) irratti hirmaachuun bu’aan hedduun gama dippiloomaasiitiin argatte olaanaa ta’uu Dubbi Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachooo ibsa miidiyaaleef kennaniin himaniiru.
Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) yaa’ii G20 irratti hirmaachuu bira darbee hoggantoota biyyoota garaagaraafi dhaabbilee waliin mari’achuun waliigalteerra gahuu isaanii Ambaasaaddar Nabiyaat ibsaniiru.
Dabalataanis biyyoonni garaa garaa imbaasii isaanii Finfinneetti banachuuf qophii akka xumuranis ibsaniiru.
Haaluma kanaan biyyoonni kanneen akka Singaapoor, Silooveeniyaa, Silovaakiyaa, Maaleezhiyaafi Kaamboodiyaan imbaasii isaanii Finfinneetti banachuuf qophii xumuruu isaanii ibsameera.
Itoophiyaan yaa’ii Jijjiirama Qilleensaa Addunyaa 32ffaa (COP 32) qopheessuuf filatamuun ishee bu’aa dippiloomaasii guddaa akka uume kan himan Ambaasaaddar Nabiyaat, Ministirri Dhimma Alaa Geediyoon Ximootiwoos (PhD) ammoo qophii Yaa’ii Jijjiirama Qilleensaa ‘COP 32’ Itoophiyaan qopheessitu akka hoggananiif filatamuu isaaniis kaasaniiru.
Yaaddessaa Geetaachootu gabaase