Sabootni, sab-lammootniifi uummattootni Itoophiyaa garaa garummaa tokko malee gaaffii ulaa galaanaa ni deeggaru- Obbo Tarrafaa Badhaadhaa

You are currently viewing Sabootni, sab-lammootniifi uummattootni Itoophiyaa garaa garummaa tokko malee gaaffii ulaa galaanaa ni deeggaru- Obbo Tarrafaa Badhaadhaa

‎AMN PLUS -Sudaasa 18/2018

‎Sabootni, sab-lammootniifi uummattootni Itoophiyaa Aadaa, Afaaniifi Eenyummaa walii isaanii kabajuun haalli ittiin jiraatan madda qorannoofi qo’annoo akka ta’e Daayirektarri Dhimmoota Kominikeeshinii Mana Maree Federeeshinii Obbo Tarrafaa Badhaadhaa ibsan.

‎Aadaa, Afaanifi Eenyummaa ofiitiin boonuun duraan sodaa ture sun jijjiiramaan booda miidhaginni sab-daneessummaan uumame madda diinagdeefi bu’uura diimookiraasii ta’eera jedhaniiru.

Kana irraa kan ka’es, guyyaan Saboota, Sab-lammootaafi Uummattootaa tokkummaan kabajamaa akka jiru turtii AMN PLUS Qophii Addaa irratti taasisaniin Obbo Tarrafaa Badhaadhaa ibsaniiru.

‎Itoophiyaan biyya Sabootaafi Sab-lamoonni hedduun keessa jiraatan ta’uu kan dubbatan Obbo Tarrafaan, “aadaa, afaanifi eenyummaan uummatoota kanaa heera mootummaatiin ragga’ee tokkummaafi jaalalaan kabajachaa jiru” jedhaniiru.

‎Guyyaan kabaja ayyaana Saboota, Sab-lammootaafi Uummattoota Itoophiyaas waltajjii uummatni heddummina aadaatiin bahanii miidhagina aadaa isaanii walitti agarsiisan akka ta’es dubbataniiru.

‎Dabalataanis, guyyaan Kun qabeenya uumamaafi nam-tolchee akkasumas iddoowwan tuurizimiifi carraa invastimantii naannoo beeksisuu keessatti gumaacha olaanaa akka qabus kaasaniiru.

‎Keessattu guyyichi duudhaa biyya keenyaa wal baruufi waliif birmachuu kan dhugoomsu akka ta’e Obbo Tarrafaan himaniiru.

‎Imala jijjiiramaa Amma jiruun gaaffiin Sabaafi Sablammootaa mirga ofiin of bulchuufi karaa diimokiraatawaa ta’een heera mootummaatiin gaafatan akka deebi’eef kaasuun kan hafes deebi’aa jiraachuu eeraniiru.

‎”Sabootni, sab-lammootniifi uummattootni Itoophiyaa garaa garummaa tokko malee faayidaa biyyaalessaa kan ta’e gaaffii ulaa galaanaa kan deeggaraniifi jijjiirama qilleensaa ittisuuf hirmaannaan ashaaraa magariisaa irratti agarsiisan olaanaa akka ta’e” dubbataniiru.

‎Kabajni guyyaa Saboota, Sablammootaafi Uummattoota Itoophiyaas sabdaneessummaa cimaa fiduun ilaalcha biyyaalessaa akka tokkoomsee ibsaniiru.

‎Daraartuu Tarreessaatu qindeesse

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply