Balaa ibiddaa ijaarsa manneen jireenyaa uummataa Hoong Koongitti mudateen namoonni 44 lubbuu dhabuun namoonni 279 achi buuteen dhabamuu dhaga’ame.
Balaan kun waggoota 60 booda balaa ibiddaa cimaa Hong Kongitti mudate ta’uu eerame.
Balaa kanaan walqabatee hoggantoonni dhaabbilee ijaarsaa sadii, meeshaalee ijaarsaa ibidda kaasaniifi babal’isan sirnaan kuusuu dhabuu isaaniin to’annoo jala oolaniiru.
Hojjettoonni ittisa ibidda fi lubbuu baraaran 800 ol garasitti bobba’uun hojiirratti akka argaman BBC gabaaseera.
Ibiddichi sa’aatii 18f ammallee ijaarsa manneenii kanneen gubaa jiraachuu himameera.